“Keemikaalli farra awaannisaa biifuurratti dirooniin xiyyaara caalaa bu’aa qabeessa” - Naa’ol Dhaabaa

152

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (TOI) – “Keemikaalli farra awaannisaa biifuurratti dirooniin xiyyaara caalaa bu’aa qabeessa” - Naa’ol Dhaabaa

Dargaggoo Naa’ol Dhaabaa “Keemikaalichi % 95 summaawaa waan ta’eef of eeggachuu barbaachisa” jedha.

Weerara awaannisaa dhabamsiisuuf dhaabbileen mootummaa fi mitimootummaa sochiilee gara garaa taasisaa kan jiran yoo ta’u, biifaan farra awwaannisaa dirooniin gaggeeffamaa jiru hunda caalaa bu’aa qabeessa ta’uu abbaan kalaqaa diroonichaa ibse.

Abbaa kalaqa diroonichaa Dargaggoo Naa’ol Dhaabaa akka Gaazexaa Bariisaatti himeetti godinaalee Oromiyaa weerarri awaannisaa itti babal’achaa jirutti dirooniisaatti fayyadamee keemikaalaa biifaa akka jiruu fi guyyaatti hanga hektaara 150 haguugee hojjetaa jiraachuu dubbateera.

Hojiin dhabamsiisa weerara awaannisichaas haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuus eereera.

Weerarri awwaannisaa kun naannichatti Godina Harargee Bahaa, Harargee Lixaa fi Shawaa Bahaatti heddummaachaa akka jirus eeree, diroonota ofii kalaqe saditti fayyadamee dhabamsiisuusaarratti hirmaachaa jiraachuu beeksiseera.

Diroononni sadeen kunniin tokko tokkoonsaanii keemikaala kiiloo giraama 10 qabachuun guyyaatti lafa hektaara 195 ol aguuguun biifaa keemikaalaa raawwachaa jiraachuus himeera.

Biifaan keemikaala farra ganama gara bariitti gaggeeffamuu akka qabu eeree, gurmuun awaannisaa kun ganamaan yoo dhabamsiifamuu baate wayita aduun ba’u sochii waan eegaluuf to’annoof rakkisaadha jedheera.

Diroonota ammaan tana ittifayyadamaa jiran kana adda kan taasisu tulluun akkasumas bosonniifi boolli osoo isa hin daangeessiin itti dhiyaatee gurmuu awaannisaa kana dhabamsiisuu danda’uu ta’uus eereera.

Biifaan keemikaalaa xiyyaaraafi konkolaataan gaggeeffamu lafatti dhiyaatee ykn tulluurra bahuufi bu’uun raabsuurratti hanqina qaba kan jedhe Dargaggoo Naa’ol, diroononni kun garuu hudhaalee kanaan waan hin daangeffamneef filatamoodha jedheera.

Kana malees, bakka awaannisni bulutti xiyyeeffannoo kennuun hatattamaan dhabamsiisuu keessatti diroononni sadan bobbahan bu’aa guddaa buusaa jiraachuu ibseera.

Hojiin dhabamsiisa weerara awaannisaarratti raawatamaa jiru kana mootummaan aantummaan nu deeggaraa jira kan jedhe dargaggoo Naa’ol, wayita keemikaalli kun biifamu hawaasni irraa siquu akka qabu dhaameera.

Keemikaalli farra awaannisaaf biifamu dhibbantaan 95 malaataaynii waan ta’eef, rakkoo fayyaa uumuu waan dandahuuf irraa siquun barbaachisaa ta’uu beeksiseera.

Sochii dhabamsiisa weerara awwaanisaa yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru haala gaariirra jiraachuullee eeree, hawaasnis deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafateera jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015