Waggoota kurnaan dhufanitti hojiiwwan jireenya jiraattootaa fooyyessan ni raawwatamu – Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii

89


Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (TOI) - Waggoota kurnaan dhufanitti hojiiwwan jireenya jiraattootaa fooyyessuuf gargaaraan akka raawwataman Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii beeksise.


Seektarri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii yaa’ii jalqabaa raawwii karoora marii waggaa 10 guyyaa har’aa magaalaa Adaamaatti eegalameera.

Yaa’ichaarratti kan argaman Ministirri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayshaa Mahaammad akka dubbanitti karoorri marichaa guddinni ummata magaalaa ofeeggannoon gaggeessuuf kan gargaarudha jedhaniiru.


Magaalonni jireenya jiraattootaa akka jijjiiramu taasisuu, guddina fooyya’aa fi jijjiirama qabu galmeesisuuf ni hojjetu jedhaniiru.
Waltajjicharratti kan argaman Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin magaalotatti hojii misooma hanqina teeknooloojii fi beekkamtii sadarkaa barbaadamuun hir’isuun akka danda’amu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015