Pireezdaant Isaayyaas Afawariq paarkii Inxooxxoo daawwata jiru

98

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (TOI)- Pireezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa hojii guyyoota 3'f Itiyoophiyaatti taasisaa jiraaniin Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad paarkii Inxooxxoo daawwachiisa jiru.

Pireezdaantichi paarkii Inxooxxoo tibba kana eebbifamee piroojaktichi osoo hin eegaliin dura, erga ijaarsiisaa eegalee fi daawwanaa xumuraa paarkichaa dabalatee yeroo 3ffaaf daawwataniiru.

Ijaarsii paarkii Inxooxxoo waggaa tokkoof kan ture yoo ta’u, Fulbaana 30, 2013 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamee uumataaf banaa ta’uun isaa ni yaadatama.

Akka gabaasa EBCtti hooggantonni lameen guyyoota lamaan darbaniitti piroojaktii humna eleektiriikaa Kooyishaa fi hidha Haaromsaa guddichaa dabalatee hojiiwwan misooma garaagaraa daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015