Naannoo Amaaraatti awwaanisni midhaan qonnaan bultoota kuma 47 mancaasuusa himame

59

Finfinnee Onkololeessa 04, 2013(TOI)-Naannoo Amaaraatti awwaanisni midhaan qonnaan bultoota kuma 47 mancaasuusa himame.

Naannoo Amaaraatti omishni qonnaan bultoota kuma 47 midhaan gosa garaa garaa jalaa manca'uusaa Biiroon Qonnaa Naannichaa himeera.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Tasfaahun Magistee akka jedhanitti, ji'a Fulbaanaa eegalee Godinaalee Walloo Kaabaa,Walloo Kibbaa, Godina Saba Oromoo fi Shawaa Kaabaatti hoomaa awwaannisaa mudateen lafa heektaara kuma 87 fi 500 irraa midhaan barbadaa'eera.

Qonnaan bultoota kuma47 ta'anirraa midhaansaanii jalaa maca'eera jedhan.

Godinaalee 4 aanaalee 18 gandoota 125 keessatti hoomaan awwaannisaa kun mudateera.

Midhaan lafa heektaara kuma 100 fi kuma 17 caalurraa hojiin ittisuu raawwatamuusaa himameera.

Lafa keetaara kuma 38 fi 150 hojiin keemikaala biifuu xiyyaaraan gaggeeffameera jedhan Obbo Tasfaahun.

Hoomaan Awwaannisaa kun gara gara biraatti akka hin babal'anne hojjetamaa akka jiru himaniru jechuun Dhaabbanni Pireesii Itiyoophiyaa gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015