"Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa barana hanga bishaanii amma qabatee jiru dachaa sadii qabachuu danda'a" jedhan Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad.

63

Finfinnee Onkololeessa 03,2013(TOI)-"Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa barana hanga bishaanii amma qabatee jiru dachaa sadii qabachuu danda'a" jedhan Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad fi Pirezedaantiin Eertiraa Isaayyas Afawarqii hidha haaromsa Itiyoophiyaa daawwataniiru

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad Dr Abiyyi Ahimadii fi Pirededaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii dawwannaasaanii waliinii guyyaa 2ffaan Hidha haaromsaa daawwataniiru.

Akka EBC'n gabaasetti guutinsi bishaanii marsaa jalqabaa hidha haaromsaa Adooleessaa darbe erga raawwatamee, Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad gara hidha kanaa imaluunsaanii yeroo jalqabaati.

Aanga'oonni kunneen daawwannaa isaaniin haala ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa irra jiru daawataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015