Tamsaasa Kallatti:

Birriin biiliyoona 46 ol gara baankii daldala Itiyoophiyaa fi baankota kanbirootti raabsame

Finfinnee onkololeessa 1/2013 (TOI)-Jijiirraan birrii haaraa erga jalqabamee kaasee, birriin biiliyoona 46 ol gara baankii daldala Itiyoophiyaa fi baankota kanbirootti raabsame.

Baankiin daldala Itiyoophiyaa baankii biyyoolessaa bakka bu'uun, birrii haaraa baankota dhuunfaatti raabsaa akka jiru Pirezidaantii fi hojii raawwachiisaa olaanaan baankii daldala Itiyoophiyaa obbo Abbee Saanoo beeksisan.

Jijjiirraan birrii haaraa erga jalqabamee kaasee, birriin biiliyoona 46 ol gara baankotaatti kan raabsame yoo ta'u, as keessaa birriin biiliyoona 28, gara dameelee baankii daldala Itiyoophiyaatti raabsameera jedhan.

Kanaan wal qabatee birrii moofaan biiliyoonni 22 gara giddu galeessaatti galii ta'uu dubbatan.

Birrii kuma 5 fi isaa ol qabatanii gara dameelee CBE tti kan dhufan, qajeelfama baankiin biyyoolessaa baase bu'uura godhachuun, maamiloonni haaraan kuma 63 ta'an, lakkoofsa herregaa kan banatan yoo ta'u, birriin biiliyoona 6.4 immoo kan qusatame ta’uu himan.
Yeroo ammaa 'ATM' baankii daldala Itiyoophiyaa kuma 3,700 ta'an, birrii haaraa akka kaffalan taasifameera.

Maamiloonni birrii kuma 100 ol jijjiiran, guyyaan xumuraa Onkoloolessa 6 waan ta’eef, yeroo jedhame keessatti dafanii jijjiirrachuu akka qaban, obbo Abbeen hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015