Mata duree ‘Jijjiirrama Itiyoophiyaa nan dhinqisiiffadha, na deeggara’ jedhuun kutaaa maagaalaa finfinnee Boolee fi Yakkaatti duulli qulqullinaa gaggeeffamera

137


Finfinnee, Fulbaana 30, 2013 (TOI)- Mata duree ‘Jijjiirrama Itiyoophiyaa nan dhinqisiiffadha, nan deeggara’ jedhuun Kutawwaan maagaalaa Finfinnee Boolee fi Yakkaatti duulli qulqullinaa gaggeeffamera.


Duulli qulqullinaa kun kutaa magaalota Boolee fi Yakkaatti har’a ganamaa sa'aatii 12:30tti gaggeeffameera.


Kuta magaalaa Yakkaatti duulli qulqullinicha mata duree ‘dhalootaaf biyyaa ijjaarramtee malee diigamtee hi dabarsiinu’ jedhuun Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad fi hoggansa jijjiirramaa waliin dhaabbachuun jijjiirrama Itiyoophiyaa gara fuladuraatti itti fufsiisuuf deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.


Haaluma wal fakkatuun kutaa magaalaa Booleettis mata duree ‘jijjiirrama biyyaa koo na dinqisiifadha, Abiy ha hoogganu, hundi keenya hoggansaa jijjiirrama cina jirraa fi Fulbaana 30 booda Onkolooleessa 1’ jechuu hirirrii deeggarsa Dooktar Abiy Ahimadiif gaggeeffama jira

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015