Giddu Gala Gabaa Oomisha Jimaa Godina Harargee Lixaa Magaalaa Baddeessaatti hojjetamu hojiinsaa jalqabsiifamera

800

Finfinnee,Fulbaana 30,2013(TOI)- Giddu Gala Gabaa Oomisha Jimaa Godina Harargee Lixaa Magaalaa Baddeessaatti ijaaramuuf pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaaafi Hoggantoota Olaanoo Naannoo Oromiyaatiin hojiin jalqabsiisuu raawwateera.

Ijaarsi piroojektii kanaas ji'oota 18 keessatti kan raawwatamu ta'uu eeruudhaan,Mootummaa Naannoo Oromiyaa gama hundaan qonnaan bultootaaafi horsiise bultoota Oromiyaa fayyadamoo taasisuuf hojii abdii qabeessa ta'e hojjeecha jira jedhan pireezedaanti Shimallis.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015