Gabaasa Guyyyaa COVID-19 kan Oromiyaa

64

Oromiyaatti namoota dabalataa 84 irratti vaayrasii koroonaa argame

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 84 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 572 hojjetameen vaayrasichi namoota 84 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 13,143 ga’eera.

Lubbuun namoota 1 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 107 darbeera.

Namoonni haaraan 167 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 8024 dandamataniiru.

Namoonni 23 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5012 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 199, 106 gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015