Ummanni Tigraayi sosochii seeraan alaa naannichaatti adeemsifama jiru dhaabuf dhiibbaa uumu qaba’-Mana maree Federeeshiinii

60

Finfinnee Fulbaana 29,2013(TOI)- ‘Ummanni Tigraayi sosochii seeraan alaa naannichaatti adeemsifama jiru dhaabuf dhiibbaa uumu qaba’-Mana maree Federeeshiinii

Manni marichaa adeemsa seeraan alaa Paartiin Naannoo Tigraayi hoogganu hojjetaa jiru ilaalchisee murteen dabarse mirga fi faayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf kan kayyeeffateedha jedheera.

Af-Yaa’iin mana maree Federeeshiinii, Obbo Adam Faarahi mootummaan Federaalaas ta’e naannoo heera mootummaa kabajani akka socho’aniif manni mariichaa itti gaafatamummaa qaba jedhaniiru.

Haluma kanan dhaabbanni siyaasaa naannoo Tigraayi hoogganu murtoowwan manni maree Federeeshiinii dabarsu kabajuu dhiisuun karaa seeran alaa socho’aa waan jiruuf manni mariichaa murtoo dabarseras jedhan.

Mirgi namoomaa fi dimookirasii ummata naannichaa kabajamuun fedhii mana maree Federeeshiini akka ta’es himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015