Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddeetti sirni eebbaa Pirojaktii Jallisii fi hidha lagaa bakka Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti eebifamaa jira

108

Finfinnee, Fulbaana 29,2013(TOI)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddeetti sirni eebbaa Pirojaktii Jallisii fi hidha lagaa bakka Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti eebifamaa jira.

Pirojaktii misooma jallisii kanaan lafti heektaara 120-150 misoomuu akka danda'u himameera.

Aanaan Gumbii Bordoddee kun gammoojjummaa waan qabuuf rooba gahaa hin qabu; Ummanni naannoo kanaa sagantaa wabii nyaataan deeggarmaa akka ture himameera.

Pirojaktiin misooma jallisii kun karaa gutuu ta'een hojiirra oollaan waggaatti yeroo 2-3 omishuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbanii, qabeenya horatanii guddina dinagdee biyyaa keessatti gaheesaanii bahuu akka danda'an abdatmeera.

OBN gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015