Tamsaasa Kallatti:

Arsii Lixaa aanaa Dodolaatti ijaarsi mana barnootaa bultii addaa jalqabsiifame

Finfinnee, Fulbaana 27/ 2013 (TOI) – Arsii Lixaa aanaa Dodolaatti ijaarsi mana barnootaa bultii addaa jalqabsiifame.

Ijaarsa mana barnootichaa kan jalqabsiise preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaati.

Mana barnootaa bultii addaa kanaaf diizaayiniin xumuramee, baajanni qabameera.

Ijaarsi isaas ji'oota sagal keessatti ni xumuramaan eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015