Godina Baaleetti Duulli Talaallii dhibee pooliyoo daa'imman waggaa shanii gadii 225,000 tahaniif kennamu egalame

Finfinnee Fulbaana 27/2013(TOI)- Godina Baaleetti duulli talaallii daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadi tahan kuma 225 ol tahaniif kennamu eegalusaa waajjirri Egumsa Fayyaa Godinichaa beeksise.

Duulli talaalli kun Fulbaana 27 /2013 irraa eegalee guyyoota afuriif aanota godinichaa 12 keessatti kan kennamu tahuunis hubatameera.

Godinichatti haawwan daa’ima isaanii yeroo talaalchifatan yaada kennan akka jedhanitti talaalliin mootummaan sagantaa idileefii duulaatiin daa’imman isaaniitii yeroo gara yerootti kennuuf fayyaa daa’imman isaanii mirkaneessuun cinaatti sodaa dhukkuba daa’immanii jalaa kan isaan baase tahuus himan.

Itti gaafatamaa waajjira Eegumsa fayyaa Godina Baalee Obboo Seeyfuu Muhammad gama isaaniitiin akka jedhanitti duula dhibee pooliyoo marsaa jalqabaaf kennamu kanaan daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadi tahan kuma 225,0000 ol tahan bira gahuuf hojjatamaa jira.

Duula talaallii pooliyoo kana milkeessuudhaaf qophiilee daraaf meeshaalee barbaachisoo tahan guutuun cinaatti leenjiin ogummaa ogeessota fayyaa sadarkaa adda adda irra jiraniif kennamusaas dubbataniiru.

Akka obboo Seeyfuun jedhanitti duula pooliyoo geggeefamu kanaan daa’imman gandoota baadiyyaa godinichaa 221 keessatti argaman bira gahamuuf karoorfamuus himan.

Sagantaa Duula pooliyoo kana kan jalqabsiisan Bulchaan Bulchiinsa Godina Baalee Obboo Abdulhakiim Aliyyii gama isaaniitiin Kayyoon duula talaallii kanaa dhibee pooliyoo biyyoota olla irraa gara godinichaa seenuu maluu dursanii ittisuudhaaf tahuus dubbataniiru.

hawaasnis daa’imman ofii talaalchifachuun cinaatti dhibee kovid-19 irraa of eegaa ilmaan ofii yeroo jedhame keessatti akka talaalchifatu obboo Abdulhakiim dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015