Itoophiyaan ujummoo Gaaziin uumamaa keessa darbu ijaartuuf Jibutii wajjin walii galtee mallatteessite

48

Finfinnee Guraandhala 8/2011 Itoophiyaan ujummoo Gaaziin uumamaa keessa darbu ijaartuuf Jibutii wajjin walii galtee mallatteessite.

Walii galteen mootummoota lamaan jidduutti mallatteeffame Itoophiyaan ujummoo gaaziin uumamaa keessa darbu ijaartuuf lafa Jibutiirratti lafa qiqindeessuuf oolu argachuu fi eegumsa taasisuuf kan dandeessisudha.

Walii galtee kana kan mallatteessan Itoophiyaatti ministira albuudaa fi boba'aa Dr.Saamu'eel Urkaatoo fi Jibutiitti ministira boba'aa fi qabeenya uumamaa miister Yooniis Aliidha.

Ujummoon kiiloo meetira 760 dheeratu kun doolaara biiliyoona 3.2 kan gaafatu yoo ta'u, gama Itoophiyaatiin kiiloo meetira 760, gama Jibutiitiin ammoo kiiloo meetira 60 lafa Jibutiirra kan darbudha.

Ijaarsisaa waggaa sadiitti kan raawwatu ujummoon kun, Ogaadeen Ilaalaa fi Kaaluub irraa ka'ee Jibutii kan ga'u yoo ta'u, boba'aan Jibutiirratti qiqindaa'a.

Ministirri albuudaa fi boba'aa Dr. Saamu'eel Urkaatoo walii galtichi quunnamtii dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa biyyoota lamaanii akka cimsu dubbataniiru.

Waii gateen marii hedduutiin murtee argate kun ulaagaa idil addunyaa kan guute ta'uusaas Dr Saamu'eel dabalanii dubbataniiru.

Ministirri boba'aa fi qabeenya uumamaa Jibutii gamasaaniitiin,walii galteen kun fayyadama waliinii biyyoota obboleewwanii waan gabbisuuf Jibutiin cimteetu eegdi jedhaniiru.

Ijaarsi bu'ura misoomaa karaa Jibutii darbuunsaa faayidaa argattuu caalaa lammiishee hedduuf carraa hojii akka uumu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015