Yaa'iin waloo fi baniinsaa Manneen Marii Bakka Bu'oota Ummataafi Federeeshinii har'a ni taa'ama

75

Finfinnee, Fulbaana 25/2013(TOI)- Yaa'iin waloo fi baniinsaa Manneen Marii Bakka Bu'oota Ummataafi Federeeshinii marsaa 5ffaa waggaa 6ffaa har'a waaree booda taa'ama.

Yaa'ii waloo kanarratti Pireezedaantiin Mootummaa RFDI, Saahilawarqi Zawudee haasaa kallattii xiyyeeffannoo Mootummaa agarsiisu ni taasisu jedhamee eegama.

Yaa'ii kanaratti Abbootiin Amantaa,hoggansi siyaasaa,namoonni beekamoofi ambaasaadaroonni,bakka buutoonni dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa magaalaa Finfinnee keessa jiran ni argamu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015