Giiftiin duree Zinnaash manneen barnootaa naannolee Gaambeellaa fi Beeniishaangul Gumuzitti ijaaramaniif sanada walii galtee mallatteessan

84

Finfinnee Guraandhala 8/2011 Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa naannolee Gaambeellaa fi Beeniishaangul Gumuzitti ijaaramaniif sanada walii galtee mallatteessan.

Walii galtee kana kan mallatteessan itti gaafamtoota biiroo barnootaa naannolee waliin yemmuu ta’u, ijaarsa manneen barnootatiif birriin miiliyoona 20 ramadameera.

Waajjirri giiftii duree qulqullinaa fi waliin ga’iinsa barnootaa babal’isuu akka kallattii hojiitti qabachuudhaan hojiiwwan addaddaa hojjechaa akka jiru ibseera.

Barnoota qulqullina qabu karaa haqa qabeessa ta’een lammiidhaan ga’uun dhaloota qaruuf kan gargaaru hojii qulfii ta’uusaas giiftii duree Zinnaash dubbataniiru.

Keessumaa baadiyyaatti sababa fageenyaatiin barattoota barnootasaanii addaan kuta hir’isuuf xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetus dabalanii ibsaniiru.

Naannolee Gaambeellaa fi Beeniishaanguliti  birriin miiliyoona 20 ramadameefii kan ijaaraman manneen barnootaa sadarkaa lammaffaas bu’aa ba’ii barattoota fagoorraa dhufanii baratanii akka hir’isu himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa naannoo Gaambeellaa obbo Toomaas Yemaloonaa fi itti gaafatamaan waajjira barnootaa Beeniishaangul Gumuuz obbo Toomaas Kuwii manneen barnootaa naannoosaaniitti ijaaramu waliin ga’iinsa barnootaa guddisuudhaan barattoonni dhihootti akka baratan akka gargaaru ibsaniiru.

Ijaarsa manneen barnootaatiif iddoon mijatu erga filatamee booda dhakaan bu’uraa akka kaa’amu waajjirri ministira muummee tajaajila oduu Itoophiyaaf beeksiseera.

Giiftii dureen Zinnaash kanaan dura manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi  Tigraayi dhakaa bu’uraa kaa’aniiru.

Kana malees meeshaalee yaalaa kanneen akka siree daa’immanii, firiijii, teessoo fi meshaalee qorannoo dhaabbilee addaddaarraa walitti qaban Hoospitaala sadarkaa duraa naannoo kibbaa godina Hadiyyaa magaalaa shoneetti argamuuf kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015