Ergaa Preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa kabaja ayyaana irreechaa bara 2013 sababeeffachuun dabarsan

97

Finfinnee Fulbaana 21, 2013(TOI) -Ergaa Preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa kabaja ayyaana irreechaa bara 2013 sababeeffachuun dabarsan.

Ergaa guutuun isaan dabarsan akka armaan gadiitti dhiyaatera.

Abbaa sirna Kabajamaafi ulfaataa Ayyaana Irreechaa Kan
taate ummata Oromoo,
Kabajamtoota Ummattoota biyya keenyaa,
Duraan dursee, buhaabahiiwwan hedduu dabarsitanii, Ganna Bacaqii keessaa gara Waqtii birraatti baga nagaan dabartan; baga geessan jechuun fedha. Kan facaafattan margee, kan itti dhama’aa baatan bilchaatee ga’ee, baga ittiin isin ga’e yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhagaa’ama.

Ayyaanni Irreechaa barii waqtii birraarratti kabajamu ayyaana galataafi dhiifamaati. Guyyaa uumamni uumaa itti jajatuufi dinqifatuu dha. Golaa hanga boroofi balbalaatti, ardaarraa hanga biyyaatti hamtuufi toltuu dabarsan hundaaf sirna uumaa ittiin galateeffatanii dha.

Irreechi yaadaafi qalbiin qullaa’uu barbaada. Haaloo kuusuufi maqaa wal balleessuun faallaa duudhaa Irreechaati. Oromoon “Gurraacha Garaa Garbaa” jechuun harkasaa Uumaatti bal’isee kadhachuufi eebbifachuun ayyaana irreechaa kabajata. Uumaan samiifi lafaa ni kabajama. Qulqullummaanis ni jajama.

Irreechi Guyyaa nageenyaafi tasgabbiiti. Qoricha wal dhabdeefi jibbiinsaa, furtuu waliin jireenyaafi wal tumsaati. Dhuka tokkummaafi mallattoo ifaati.

Birraan Oromoo biratti mallattoo miidhaginaati. Tibba hojiin harka Uumaa itti jajamuu dha. Boqonnaa dukkanarraa ifatti, Gannarraa Birraatti, corqaarraa gara bilchaataatti itti ce’anii dha. Marfata uumamaa hojii harka uumaa ta’e kana, Mareehoo, Mareehoo jechuudhaan kan itti dinqifatan ayyaanni Irreechaa guyyaa ifaati.

Ayyaanni Irreechaa bara kanaa qormaata weerara dhibee Koronaa (COVID-19) keessa teenyee kabajannu kun heddumminaan baanee, harka miliyoonotaan bal’isnee kabajachuuf rakkannus, dukkana yeroo keessa teenyee ifa guddaa fuula keenya dura jiru ilaalaa kabajanna. Boqonnaan qormaataa kun darbee ifa akka agarruufi yeroon jireenya qananii itti jiraannu akka dhufu hin shakkinu.

Oromoon Hayyuu qaba. Wal morka Yaadaa ni eyyema. Ilaafi ilaameen abboomama. Waliin hojjechuufi nyaachuu, dhugaa moosisuufi qalbifachuunis duudhaa ganamaa isaati. Irreechi Oromoo ayyaana dhugaan itti mandi’uufi dhaloonni irraa hunatuu dha. Irra deebi’ee baga dhugaa duudhaa ganamaa guyyaa eenyummaa, kallacha tokkummaa Irreecha Malkaatiin isin gahe, nu gahe yammuun jedhu gammachuu guddaadhaani.

Irreecha bara kanaa wayita kabajannu, tumsaafi birmannaa nuti lammiilee balaa uumamaafi nam-tolcheetiin gaaga’amaniif goone faajjii kabajaafi ulfinaa uumaafi uumama duratti mul’atu ta’uusaa yaadachuu qabna. Tibba ayyaana irreechaa kabajannutti magariisummaa miidhagina naannoo uumaan nu badhaaseetti akkuma boqonnu, waan qabnuufi horannerraa obboleewwan keenya beelaa’aniifi dheebotan, kan daaraniifi sababa balaa uumamaafi nam-tolcheetiin rakkataniif birmachuun eebbifamuu dha.

Ayyaani Irreechaa bara kanaa qormaatota danuu keessa teenyee kabajaa jirru kun hiikoo dachaa qaba. Duudhaa sirna Gadaa keessatti ummanni Oromoo dhaloota wayita leenjisuufi gahoomsu, qananii keessa taa’ee gahumsa qormaata dandamachuu, rakkina keessaa ba’uuf tooftaa cehumsaa gonfachuu akka danda’utti hidhachiisa. Dhaloonni dhaala duudhaa Sirna Gadaa gonfate, akkuma bara kana qabatamaan agarre rakkinaaf harka hin kennatu. Kan qabu waliin qooddatee, kan bilchaate waliin sooratee waliin jiraata.

Nuti dhaloonni har’aa Sirna Gadaatiin kakachuufi dhaadachuu bira dabarree, hojii qabatamaadhaan kabajachuufi injifannoo dhannamachuu eegalleerra. Ifaajee qorannoofi qo’annoo dhaloota keenyaatiin Sirni Gadaa ambaa Kiliyaa addunyaa ta’ee galmaa’eera. Qabeenya ummata Oromoofi Itoophiyaa bira darbee, kan addunyaan kabaju, eeguufi kunuunsu ta’uu danda’eera.

Dhaloonni keenya sirna Gadaa sirna barnootaafi dhaloonni ittiin ijaaramu gochuun injifannoo dhaalamu abuureera.
Dhaloonni afoolaan dhaaluurraa gara qorannoon dhaalchisuutti ceheera. Duudhaalee sirna gadaatiin qaramuun qaroomina ijaarsa biyyaafi ummataa tumsu gonfachuuf carroomneera.

Duudhaa sirna Gadaa keessatti jaarsummaan haqa abbaa haqaatiif deebisuufi dhugaa murteessuun tumaa dha. Araara buusuufi waliigaltee mirkaneessuunis utubaa nagaafi tasgabbii ummatichaati. Dhaala dhaloota kaleessaa qorannee qaama sirna haqaa keenya godhachuuf qophoofneerra.

Hundaa olitti ammoo, duudhaalee sirna gadaarraa dhaalletti fayyadamnee biyyaafi dhaloota ijaaruurratti hojiiwwan eegalle injifannoo boonsaa dha. Sirna Gadaa Oromoo keessatti dhaloonni geengoo ergamaafi dirqama itti fudhatuufi dabarsu qaba. Nutis har’a duudhaa sirna Gadaatti fayyadamnee labsii tajaajila lammummaa tumaa ittiin hogganamnu godhanneerra. Kaayyoo dhaloota ijaaruu, qulqullummaa dabaluu, alkaniifi guyyaa hojjechuu, dorgomtummaa guddisuufi tumsa mirkaneessuu kan qabu hojiiwwan tajaajila lammummaa keenya bu’aa qabatamaa agarsiisuu eegaleera. Waliif yaaduu, wal tumsuu, birmannaafi aadaa hojii gaarii madaqsuu jalqabneerra.

Irreechi Malkaa Finfinnee yaadannoo akaakileefi abaabileeti. Dhugaa lallabnee, dhugaaf dhaabbannee, dhugaa kan itti himannuu dha. Dhugaafis ragaa kan itti baasifannuu dha.
Ardaa dhalootaa cimsachuutu nurraa eegama.
Oromoon “Dhugaan ilma Waaqaati” jedha. Dhugaa deeffanne tiikfannee Tokkummaa Oromoo yaa cimsannu. Gara dhugaatti deebinee ardaa keenya yaa tikfannu. Wal yaa jaal’annu, waliif yaa howwaannu. Wal-bira dhaabbannee tokkummaa keenya yaa cimsannu. Kana goonaan duudhaan Orom-ganamaa bakkatti deebi’a. Kabajaafi ulfinni keenya ni guddata dhaamsa jedhun qaba.
Kanuma faana, nageenya naannoofi biyya keenyaatiif waardiyyaa ta’uudhaan humnoota injifannoo keenya gufachiisuuf hojjetan dura dhaabbachuun qaanessuu qabna. Hanga libsuu ijaatiif of dagachuu hin qabnu. Bakka nageenyi hin jirretti injifannoon harka keenya gale itituufi injifannoon dabalataa galmaa’uun kan yaadamu miti. Kanaafuu, irree gamtoomeen nageenya keenya yaa mirkaneessinu dhaamsa jedhun dabarsa.

Oromiyaa Ni Ijaarra, Itoophiyaa Ni utubna, Gaanfa Afrikaa Ni Tasgabbeessina!!!
Horaa Bulaa, Deebanaa!!!

Obbo Shimallis Abdiisaa Pir. Mootummaan Naannoo Oromiyaa
Fulbaana 2013
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015