Raashiyaan Arimeeniyaa fi Azaarbaajaan jaarsummaan walitti araarsuufi.

69

Finfinnee Fulbaana 21/2013(TOI) - Qaama garee sooviyeet kan turan Armeeniyaa fi Azarbaajaan bulchiinsa Naagornoo-Kaaraabaa dhuunfachuurratti erga wal waraansa eegalanii bubbulaniiru.


Dhimmi kun nagana akka furamuuf marii nageenyaa akka qopheessaa jirtu Raashiyaan ibsiteetti.


Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov mootummoota lameeniif dhaamsa dabarsaniiru.


Biyyoonni lameen atakaaroo gara waraanaatti isaan oofurraa deebi’anii nagaa buusuu qabu jedhe waajjirri isaanii.


Dhimma nageenya buusuu ilaalchisuun Ministiroota Dhimma Alaa Armeeniyaa fi Azarbaajaaniif waamicha dhiyeessanii turan.


Dhimma kanarratti Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gitasaanii kan Firaansi waliin bilbilaan mari’ataniiru.


Qondaaltonni lameenuu biyyoonni lameen waraana akka dhaabaniif waamicha dhiyeessaniiru.


Raashiyaan Armeeniyaa waliin hariiroo humna waraanaa cimaa qabdi, biyyattii keessaas buufata humna waraanaa qabdi.


Mootummaa Azarbaajaan waliinis akkasuma.Armeeniyaan bakka irratti waraanni ka’e, bulchiinsa Naagornoo-Kaaraabaak akka of dandeessee of bulchitu deggertus beekamtii hin arganne.


Waraana biyyoota lameen gidduutti Dilbata darbe (Fulbaana 27,2020) ka’een namoonni 100 ta’an ajjeefamaniiru.Akka qaama Azarbaajaanitti kan beekamtu Naagornoo-Kaaraabaak garuu bulchiinsa Armeeniyaa jala jirti.
Armeeniyaa fi Azarbaajaan naannawa kanarratti bara 1988-1994’tti wal-waraanaa turan.Ammas waraanni kun deebiyee eegaleera, waraana alanaa kanarratti hanga ammaatti humnoonni waraanaa 80 caalan du’aniiru.


Walitti bu’insi Armeeniyaa fi Azarbaajaan kun biyyoota miseensa NATO ta’an Firaansii fi Tarkiillee walitti kaaseera.Firaansi lammiilee Armeeniyaa hedduuf da’oo taatee kan jirtu yoo ta’u, Tarkiin ammoo Azarbaajaan deeggarti.


Ministirri Dhimma Alaa Tarkii Meevluut Kaavusoogluu Firaansi Armeeniyaa deggerti jechuun himatan.


Pirezidaantiin Firaansi Imaanu’eel Makroon ammoo ergaawwan Tarkiirraa dhagahaman kanneen waraana hammeessaniidha ittiin jedhan.


Pirezidaanti Putiin fi Pirezidaanti Makroon erga waliin dubbatanii booda dhimmicha Garee Marii Nageenyaa fi Tasgabbii Awurooppaa- Minsk jedhamu waliin ta’uun akka irratti hojjetan ibsaniiru.


Gareen Minsk bara 1992 kan hundaa’e yoo ta’u, Firaansi, Raashiyaa fi Ameerikaadhaan hoogganama.


Madda:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015