Jarman Ityoophiyaaf deeggarsa Birrii biiliyoona 4.3 laatte

69

Finfinnee, Fulbaana 20/2013 (TOI) – Jarman Ityoophiyaaf deeggarsa Birrii biiliyoona 4.3 laatte.
Ityoophiyaa fi mootummaan jarmaan waliigaltee deeggarsa Birrii biiliyoona 4.3 mallatteessan.


Waliigalticha Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee fi Ityoophiyaatti ambaasaaddara Jarman Isteefan Awar mallaateessaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee deeggarsichi hojiiwwan ittisa vaayrasii koroonaaf kan oolu ta’uu ibsaniiru.


Mootummaan Jarman hojiiwwan eegalame caalaatti akka milkaa’uuf duraan deeggarsa Yuuroo miiliyoona 100 taasisuus himaniiru.
Deeggarsa mootummaan Jarman har’a taasise hariiroo biyyoota lamaanii duraan ture caalumatti kan cimsuu ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015