Guyyaan Tuuriizimii addunyaa Jijjigatti kabajamee nagaan xummuramera.

Finfinnee Fulbaana 19,2013(TOI) -Guyyaan Tuuriizimii addunyaa Jijjigaatti kabajame milkaa’inaan xumuramuusaa, Waajjirri Aadaafi Tuuriizimii Naannoo Somaalee beeksise.

Guyyaan Tuuriizimii Addunyaa Magaalaa Jijjigaatti sirnoota adda addaan kabajamaa ture xumuramuu, Itti Gaafatamaan Waajjirrii Aadaafi Tuuriizimii Naannichaa, Obbo Eeliyaas Abiib himan.

Guyyicha mata duree ‘turiizimii misooma baadiyaaf" jedhuun akka addunyaatti yeroo 41ffaaf akka biyyatti ammoo yeroo 33ffaadhaaf kabajama ture xumuramuu ibsan.

Ittigafataman Waajjirrii aadaafi Tuuriizimii Naannichaa, Obbo Eeliyaas Abiibi guyyaan tuuriizimii addunyaa naannoo keenyaatti gaggeeffamaa ture karoora qabameen akkasumas rakkoo nageenyaa tokko malee kabajamera jedhan.

Uummataa Naannoo Somaalees simannaa keessummootaaf taasisaaniif galteeffataniiru Obbo Eeliyaas

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015