Irreechi Oromoota biratti Ayyaana ulfinaafi kabaja guddaadhaan kabajamuudha

72

Finfinnee Fulbaana 18,2013(TOI) - Irreechi Oromoota biratti Ayyaana ulfinaafi kabaja guddaadhaan kabajamu ta'uu Jiddu-galli Aadaa Oromoo beksise.

Irreechi Oromoota biratti Ayyaana ulfinaafi kabaja guddaadhaan kabajamuudha jedhan,Daareektarri Olaanaa Jiddu-gala Aadaa Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa.

Ayyaanni Irreechaa Ayyaana ulfinaafi kabaja olaanaadhaan Oromoota maraan kabajamuudha jedhan,Obbo Dirribaan.

Jaarmiyaalee Sirni Gadaa Oromoofi addunyaaf gumaache keessaa inni tokkoofi inni guddaan jaarmiyaa Irreechaati kan jedhan, Obbo Dirribaan,Irreechi sirna Waaqa tokkicha uumaa waan hundaa ta’e ittiin galateeffatanidha.

Ummanni Oromoo kabajaafi ulfina Waaqayyoof qabu kana kan ittiin ibsatu sirna galateeffannaa ykn Irreechati jedhan.

Irreechi guyyaa galata Waaqaati kan jedhan hayyuu kun,Guyyaa Ummanni Oromoo Malkaa ykn Horaafi Tulluu irratti bahuun araara, dhiifama, hawwiifi milkii gaarii, nageenyaafi badhaadhina, akkasumas tokkummaa itti labsudhas jedhaniiru.

Irreechi Oromoo kun falaasama galateeffannaa ykn dhugeeffannaa Oromoon addunyaa kana keessatti ittiin humna Waaqaa ibsu, jireenya lafa kanaa raaju, dhoksaa ykn iccitii jiruufi jireenyaa dhalootaaf ykn labata itti aanuuf ittiin ibsudhas jedhan Obbo Dirribaan.

Ummata Oromoo biratti Irreechi iddoo adda addaatti kan gaggeeffamu ta’uyyuu, isaan gurguddoon Irreecha Tulluufi Malkaati kan jedhan Obbo Dirribaan, Irreechi Tulluu kan kabajamu ji’oonni Bonaa darbanii yeroo bokkaan Arfaasaa itti roobuu qaba jedhamee eeggamu keessattidha.

Irreechi Malkaa ammoo kan adeemsifamu walakkeessa Baatii Fulbaanaa keessatti tahuu kan himan hayyuun kun, Jiini Fulbaanaa jalqaba Waqtii Birraa waan ta’eef, yeroo qilleensi Gannaa jijjiirama itti agarsiisuu eegaludhas jedhan.

Irreechi baranaas wayita kabajamuus akkaataa Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo ergaa dabarsaniin dhibee Covid 19 irraa ofeegaa namoota murtaa’een tahuu qaba jechuunis dhaamaniiru Daareektarri Olaanaan Jiddu-gala Aadaa Oromoo, Obbo Dirribaa Tafarraa.OBN wabeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015