Ayyaana Irreechaa bara kana kabajamu milkeessuuf hunduu ga'ee isaa ba'uu akka qabu dhaamame - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana Irreechaa bara kana kabajamu milkeessuuf hunduu ga'ee isaa ba'uu akka qabu dhaamame

Finfinne Fulbaana 15,2013(TOI)- Abbootii Gadaa,Haadhooleen sinqee fi Qeerroo fi Qarreen Godina Addaa Oromiyaa Naanawa Finfinnee hirmaachise haala Ayyaana Irreecha bara kana kabajamu milkeessuu danda'amu irratti mari'ataniiru.
Qaamooleen Marii kana irratti hirmaatan akka dubbatanitti karaa murtii Abbootiin Gadaa dabarsaniin Ayyaanichi karaa dhibee Covid 19Ff ummata keenya saaxiluu hin dandeenyeen duudhaa fi safuu isaa eeggatee akka kabajamuuf ga'ee isaanii kan ba'an ta'uu himaniiru.
Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee obboo Girmaa Hayiluu akka Ayyaanni Irreechaa baraana kabajamu yeroo weerarri Vaayirasii Koronnaa Adunyaa guutuu mudatte ta'uunsaa akkaataa kanaan dura itti kabajamaa tureen kabajuun kan nama rakkisu ta'uu eeruun, ergaa Abbootini Gadaa dabarsan giddu galeessa godhachuudhaan kabajamuu qaba jedhan.
Abbootiin Gadaa,Haadhooleen sinqee fi Qeerroo fi Qarreen Godina Addaa Oromiyaa Naanawa Finfinnees Ayyaanni Irreechaa duudhaa isaa eeggatee akka kabajamuuf kan tumsan tahuu himaniiru.
waajjira Kominikeeshinii Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee irraa odeeffanne.