Mootummaan Jaappaan Mana Barumsa Bultii Addaa Godina Haadiyaatti ijaaramuuf kan oolu deeggarsa Birrii Miiliyoona 4f kuma 500 taasise

65

Finfinnee Fulbaana 14/2013(TOI) - Jaappaan Mana Barumsa Bultii Addaa Godina Haadiyaatti ijaaramuuf kan oolu birrii miiliyoona 4fkuma 500 deeggarsa taasisuusaa himameera.

Deeggarsichi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaanfi miseensa boordii hoggansa Waldaa Hojii Misooma Haadiyaafi Pireezdaantii Yunivarsiitii Waachamoo waliiin mallatteessaniiru.

Itoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Matusaangaa Diyaasuki akka himanitti, mootumman Jaappaan jireenya lammiilee Itiyoophiyaa foyyeesssuuf hojiillee misooma hojjetaman deeggaraa jira.

Deeggarsi taasifame kunis naannichaatti barattoonni barnoota isaanii akka hordofaniif haala mijataa kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Jappan, Itiyoophiyaatti hojiiwwan barnoota, fayyaa fi dameele biroo irratti hojjechaa akka jirtus ambaasaaddarichi himaniiru.

Ijaarsi mana baruumsichaa wayita xumuramu barattoota
gidduutti waldorgoommi dabaluun qulqullina barnootaa guddisuuf gahee olaanaa qabaa jedhan Miseensi waldichaa fi Pireezidaantiin Yuunivarsiti Waachamoo Dr. Abbaabaa Habtaamu.

Sirnicharratti kan argaman Ministirri Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaaye rakkoo hawaasummaa muudatu furuuf barnoonnii dhimma bu’uura tahu himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015