Paartiileen Siyaasaa Oromoo fi Amaaraa ejjennoo siyaasaa waloo irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

90

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (TOI) – Paartiileen Siyaasaa Oromoo fi Amaaraa ejjennoo siyaasaa waloo biyyaaleessaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ibsame.

Paartiileen kunneen baatii 10f dhimmoota biyyaaleessaa irratti mari’ataa erga turanii qabxiilee 10 irratti waliigalaniiru.

Marii kanaan kan waliigalan Paartiilee siyaasaa Oromoo 5 fi Amaaraa 5 ta’uu ibsameera.

Qaamoolee lameen keessaa namoonni walaba ta’an filatamuun marii gaggeessaa turuu ibsameera.

Paartiileen kunneen har’a Sharaatan Addisitti waliigaltee mallatteesaaniiru.

Marii kana Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara darbe baatii Sadaasaa eegalchiisuu isaanii ragaan Waajjirra Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.

Paartiileen kunneenis:-

Adda Bilisummaa Oromoo

Kongireesii Federaalawaa Oromoo

Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoomee

Paartii Biyyaaleessa Oromoo

Paartii Badhaadhina Oromiyaa

Paartii Badhaadhinaa Amaaraa

Sochii Biyyaalessa Amaaraa

Paartii ummataa Amaaraa Hundaa

Dhaabbata Natsabraaq Amaaraa

Dhaabbata ummataa Amaaraa Hundaa

Dhaabbanni Amaaraa tokkummaa Ityoophiyaaf

Warraaksa Humna Demookraatawaa Amaaraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015