Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii dhaabbilee itti waamaman waliin mari’ate - ENA Afaan Oromoo
Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii dhaabbilee itti waamaman waliin mari’ate
OBN Fulbaana 13,2013- Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii dhaabbilee itti waamaman waliin mari’ataa jira.
Marichi bifa gurmaa’insa jijjiiramaafi hojiilee humna namaan, tajaajila barsiisootaa guddisuufi karoora qabame qixa sirriin milkeessuuf haala danda’amu irratti Magaala Adaamaatti mari’atamaa jira.
Maricha irratti kan argaman Ministirri Ministeerichaa Injinar Ayishaa Mohammaad akka himanitti, karoora fi galmeewwan karoorfaman milkeessuuf humna namaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun ni barbaachisa.
Ministeerichifi dhaabbileen itti waamaman fooramii waliinii qixa sirriin hojjechuu akka qabanis himaniiru.
Maricha irratti aanga’oonni ministeerichaa, Hoggantoota dhaabbilee itti waamamanfi hojjettoonni hirmaataniiru.
Fuula Feesbuukii Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshiniirraa Odeeffanne.