Daldalli Itoophiyaa fi Keeniyaa jidduutti adeemsifamu dachaa afuriin guddateera – Baankii misooma Afriikaa

62

Finfinnee Guraandhala 7/2011 Daandiin Itoophiyaa fi jidduutti ijaarame daldalli biyyoota lamaan jidduu jiru dacha afuriin akka guddatu taasisuusaa baankiin misooma Afriikaa ibse.

Pirezidaantiin baankichaa Akiinwuumii  Adeesiinaa tajaajila oduu Itoophiyaatti akka himanitti, baankichi Itoophiyaatti bu’ura misoomaa geejjibaa fi anniisaa deeggaruuf gargaarsa faayinaansii gochuurratti argama.

Deeggarsa faayinaansii industiriiwwan qonnaa haaraa ittti qiqindaa’an ijaarsisuu dandeessisu dhiheessaa akka jiruu fi kanaanis dinagdee biyyattii si’achiisuuf hojjechaa akka jiru pirezidaantichi ibsaniiru.

Daandiin Asfaaltii Itoophiyaarraa Keeniyaa geessu ijaarsisuuf baankichi deeggarsa maallaqaa gochuu danda’uusaatiin, akkasumas misoomichi dhugoomuu isaatti akka gammadan ibsaniiru.

Baankichi Itoophiyaatti misooma ibsaatiif, toora humni ibsaa ittiin darbu diriirsuuf, paarkii industirii Hawaasaa Jibutii waliin bu’ura misoomaatiin akka walitti hidhamu akkasumas industriiwwan oomisha qonnaa qiqindeessaniif deeggarsa taasiseera.

Itoophiyaan bishaanirraa human elektiriikii maddisiisuuf yaaliin taasiftu kan dinqisiifamu ta’uu kan ibsan pirezidaantichi gama kanaan hidhi guddichi Abbaayi kan eeramudha jedhaniiru.

Itoophiyaan liqii argattu sirnaan akka itti fayyadamtu ibsanii, dinagdee ishee bal’isuuf yaalii taasiftu deeggaruuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Dameen dhuunfaa guddina dinagdeef mureessaa ta’uu ibsanii, Itoophiyaatti dameen dhuunfaa akka gabbatu keessumaammoo haala invastimantii fi daldalaa mijaa’aa uumuun akka barbaachisu eeraniiru.

Baankichi cehumsi caasaa dinagdeen baadiyyaarratti taasisuudhaan bu’a qabeessa akka ta’u dandeessisuuf deeggarsasaa akka cimsus eeraniiru.

Hojiiwwan dinagdee Itoophiyaan adeemsiftuuf baankichi deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015