Itoophiyaatti Ogeeyyiin fayyaa 1300 vaayirasii koroonaa n qabamaniru

94

Finfinnee,Fulbaana ,7,2013(TOI)- Itoophiyaatti erga vaayirasiin koroona argamee as ogeeyyiin fayyaa 1300 ol vaayirasichaan qabamuu isaani Minisitirri fayyaa beekisiseera.

Ministeerichii guyyaa har'aa kan kabajamuu Guyyaa nageenya dhukkubsatoota addunyaa ilaalchisee kaleessa ibsa kennera.

Ibsichaas kan laataan miniteerichatti dareektera tajaajila yaalaa obbo Yaaqob Lammati. Akka isaan jedhanitti sadarkaa addunyaatti weerara vaayirasii koroonaa ittisuu keessatti adda duree kan ta'aan ogeeyyoota fayyaarratti dhiibbaa guddaan umameera.

Sadarkaa Indil addunyaatti namoota vaayirasii koroonaan qabaman keessaa namoonni miliyoona 1.3 ta'aan hojjetoota damee fayyaati.

Itoophiyaatti erga gaafa vaayirasii kun mul'atee asi haga ammaatti ogeeyyiin fayyaa 1,311 vaayirasii koroonaan qabamaniru. Isaan keesaa 700 damdamataniru. Warrii hafaan immoo mana yaalaatti gargaarsii barbaachisu tasifamafii jira jedhani obbo Yaaqob.

Sababaa Vaayirasii kanaan haga ammatti Itoophiyaatti ogeeyyoonni fayyaa lama du'anirus jedhan.

Guyyaa dhukkubsattotaa kan idil addunyaa yeroo lammaffaaf Itoophiaayaatti kabajamuu irrattis ogeeyyota weerara vaayirasii kan ittisuuf jechaa osoo carraqanii vaayirasichaan qabamanif kabajaa fi galata galchuun kabajama jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015