Galmeen barattoota naannoo Oromiyaa haala gaariin geggeeffamaa jira

86

Finfinnee  Fulbaana 06,2013(TOI)-Oromiyaa keessatti Galmeen baratootaa haala gaariidhaan gaggeefamaa jiraachuu, Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiise.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa, Obbo Efreem Tasammaa OBN'tti akka himanitti, Oromiyaa keessatti galmeen barattootaa akkaataadhuma karoorfameen raawwachaa jira.

Wayita galmeen barattootaa bara barnootaa 2013 amma raawwachaa jiru kanatti maatiin baratootaa ofeeggannoo cimaa gochuudhaan ilmaan isaanii akka galmeessisaniif dhaamaniiru Obbo Efrem.

Galmeen baratootaa kun guyyoota 15'f kan turu ta'uus himaniiru.

Yeroo barnoonni itti eegalus ammatti hin baramne jedhan.

Oromiyaatti bara barnootaa 2013 f baratoota miiliyoona 11 fi kuma 200 oltu galmaa’a jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015