Jijjiirraan nootii maallaqaa qaama rifformii diinagdeeti jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi

173

Finfinnee Fulbaana 4/2013(TOI)- Nootii birrii biyyattii jijjiiruun qaama rifformii diinagdee eegalame akka ta’e ministirri muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad himan.

Ministirri muummee Dr.Abiyyi nootonni maallaqa biyyattii waggoota 23 darbe hojiirra oole jijjiramuu isaa ifatti labsanii jiru.

Nootii maallaqa biyyatti jiran jijjiiruun alatti nootii birrii 200 hojirra oolchuus beksisan.

Nootaan birrii shanii amma jiru hojii akka itti fufu murtaaheeti jira.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi akka dubbatanitti daaquu madaala maykiroo ikonomii mudatee ture sirreessuuf waggoota lamaan darban tarkaanfileen gara garaa fudhatamuu eeran.

Imala kufaattii diinagdee dandamachiisuuf hojjetamus  ibsuun qaala’iinsi gatii garuu hamma barbaadamu hin fooyyofne jedhan.

Maallaqni baankiin ala socho’us rakkoo kana hammeessaa jiraachuu himuun nootii maallaqaa geeddaruun fooyya’umsa gaarii fida jedhame.

Nootiin maallaqaa kun itti fayyadamaaf mijataa fi yeroo dheeraaf akka turu godhamee hojjetames jedhame.

Imala hojii nootii kana geeddaruuf maxxansaadhaf birriin biliyoonni 3.7 baasii ta’uu ibsanii jiru.

Seerri armaan dura bahe maallaqa miliyoona 1.5 ol mana keessatti kuusanii qabaachuun sirrii miti jedhus hojiira oola jedhan.

Maallaqni seeraan ala karaa kanaan nanneffamaa ture jiraachuu eeruun,maallaqni bifa kanaan toohatames hojii qaamolee nageenyaa cimsuuf oola jedhan.

Adeemsa maallaqa jijjiiruu kana keessatti qaamolees ta’ee baankota sochii seeraan alaa taasiasan irratti tarkaanfiin cimaa akka fudhatamu ibsanii jiru Dr.Abiyyi.

Hojii kana irratti sakatta’iinsi tasaas ni taasifama jedhan.

Bulchaan baankii biyyalessaa Dr.Yinnagar Dasee maallaqni itoophiyaa biyyoota olla keessattis bal’inaan kuufamee jira jedhan.

Maallaqni kun akka gara biyyaa galu toohannoon cimaa godhamaa jiraachuu dubbatan.

Nootii birrii biyyattii duraanii jijjiiruuf yeroon turtii ji’a sadii kennamee jira.

Namoonni birrii kuma 100 fi isaa ol qaban garuu yeroo ji’a tokkoo keessatti akka jijjiiruu qaban dubbatan.

Hanga birrii kuma 10 kaashidhaan kan geeddaramu yoo ta’u,kuma 10 ol kan ta’e immoo maqaa nama maallaqa geeddaruu dhufeen lakkoofsi herreeggaa banamee olkahamaf jedhan.

Nootii maallaqaa kana iratti mallattoleen armaan dura itoophiyaa ibsuuf kaahame taa’ee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015