Dhaabbileen Faayinaanisii pirojeekitii Gabataa biyyaaf jedhu akka deeggaran waamichii dhihaateef

165

Finfinnee, 5/2012 (TOI)-Baankiin biyyaleessa Itoophiyaa dhaabbileen Faayinaansii Itoophiyaa akka pirojeekitii Gabataa biyyaaf jedhu deeggaran gafate.

Baankiin biyyaleessaa Itoophiyaa dhimmaa pirojeekitii Gabataa biyyaaf jedhu irratti dhaabbilee Faayinaanisii fi kanneen dhimmi ilaallatu waliin kaleessa mariyatera.

Pirojeekitii Gabataa biyyaaf jedhu kana Muummichi Ministiraa Dooktor Abiy Ahmad hagayya 10/2012 akka hojjetamu ifomsuun isaani ni yaadata.

Pirojeekitiin Gabataa biyyaf jedhamu kun naannoo Amaaharaatti kan argamu,Gorgoraa,naannoo Oromiyaatti kan argamuu Haroo Wancii irratti,naannoo kibbatti kan argamu Koyishaati hojjetama.

Mariicha irratti dhaabbanni Madin Itoophiyaa pirojeekitii gabataa biyaaf jedhu kanaf gargarsaan birri miliyoona 30 keennuuf kara boordii dhaabbaticha muriteessuu ifa godhera.

Kanneen maricharratti argaman kanneen biroon immoo piroojeekitichaa maallaqaan gargaruuf haalaa sirna fayyadama faayinasii pirojeetichii fayyadamuu fi iftoominaa jiru irratti yaadaa fi gaaffii qaban dhiihessaniru.

Hoogganaan baankii biyyaleessa Itoophiyaa obbo Hinnaagar Dassees pirojeetichii sirna faayinaansi seera qabeessa fi ifa ta'ee qaba jedhaniru.

Pirojeekitichii guddina biyyaaf gaheen inni qabu guddaa waan ta'eef hordoffii cimaatu tasifamafis jedhaniru.

Kanaafis dhaabbileen faayinaansii piroojetii kanaaf gargarsaa isanirra barbaachisuu gochuu akka qaban waamicha dhiheessaniru.

Baankiin biyyaleessa dhaabbilee faayinasi hundaaf xalayaa ni barressa. dhaabbileenis boordiwwan isanii waliin maryatanii haga dhumaa fulbanaa 2013tti akka baankichaa beekisaan beekisisaniru.

Karaa mootummas gargarsa dhaabbileen faayinsii godhaan koree qindeessu hundeesera. Torbaan dhufuus dhaabilee misooma kan mootummaa waliin ni mariyata jedhaniru.

Pirrojeticha xummursisuuf yoo xiqqatee birriin biliyoona 3 ni argama jedhame yaadama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015