"Piroojektiin bishaanii waldaan qaxxamura diimaan hojjetame rakkoo bishaan dhugaatti qulqulluu furera"

222

Finfinnee, Qaammee 4,2012(TOI)-Waldaan Qaxxaamura Diimaa Damee Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee,piroojektiin bishaan dhugaatii magaalaa Sulultaatti hojjechise rakkoo bishaan dhugaatii isaan muudataa ture furaafii akka jiru jiraattoonni ibsan.

Jiraattoonni magaalaa Sulultaa ganda Guutii Noonnoo Mana Abbichuu akka ibsaniitti piroojektiin bishaan dhugaatii ganda isaaniitti osoo hin hojjetamiin dura rakkoon bishaan dhugaatiif saaxilamanii akka turan eeruun, pirojektichi hojjetamuu isaatiin rakkoon isaanii hiikamuufi ibsan.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Damee Godina Addaa Oromiyaatti, Itti gaafatamaan Hoggansa Sodaa Balaa obboo Kabbada Dhugumaa yaada OBNiif kennaniin akka ibsaniitti, waldichi tajaajila namummaa kennaa jiruun rakkoo hawaasaa hiikuuf xiyyeeffannaa kennee hojjeteen piroojektiin bishaanii kun birrii miliyoona shaniin hojjetamuu ibsan.

Jiraattoonni magaalichaa bishaanicha kanfaltii malee tolaan fayyadamaa jirra jedhan.

Waldichi tajaajila namummaa kennaa jiru cimsee kan Itti fufu ta'uus himaniiru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015