Godina Baalee bahaa magaalaa Gindhiiritti harka qalleeyyiin deeggaraman.

Finfinnee,Qaammee,4,2012(TOI)-Godina Baalee bahaa magaalaa Gindhiiritti ayyaana bara haaraa sababeeffachuun harka qalleeyyii qaama miidhamtootaa 700'f deeggarsi midhaan nyaataafii meeshaalee qulqullina kenname.


Deeggarsi midhaan nyaataafi meeshaalee qulqullinaa taasifame kun harka qalleeyyii ayyaana bara haaraa kana gammachuun akka dabarsaniif yaadamee kan kennameef jedhamera.

Harka qalleeyyiin deeggarsi taasifameef kunniin yaada keennaniin qaamota yeroo rakkoo kanatti isaan yaadataniif galata galchaniiru.


Deeggarsi godhameef kun Ayyaana bara haaraa kana gammachuun maatii isaanii wajjiin akka dabarsaniif kan isaan gargaaru tahuus himan.


Akka bulchiinsa magaalaa Gindhiiritti saaxilamummaa hawaasni dhibee koronaatiif qabu hirdhisuun cinaatti deeggarsi namoomaa harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf godhamaa turuu kantiibaan magaalichaa obboo Muhammad Abdulqaadir dubbataniiru.


Deeggarsi harka qalleeyyiif ayyaana bara haaraa sababeeffachuun taasifamef kunis daakuu qamadii saanitaayizara ittisa vaayirasii koroonaaf ooludha.


Gama biraatiinis ayyaana bara haarawaa sababeeffachuun magaalaa Gindhiiritti qaamonni hawaasaa gara garaatiif raayyaan ittisa biyyaa duula magaalaa qulqulleesuufii arjooma dhiigaa irratti hirmaataniiru.


Duula kanaanis magaalaa jiraattotaaf hawwattuu taatee uumuufii sababaa hanqina dhiigaatiin lubbuu haawwanii dabru hambisuudhaaf qooda isaan irraa eegamu bahuudhaaf dhiiga kan kennan tahuu dubbataniiru.


Bulchaan bulchiinsa Baalee Bahaa obboo Aadam Qaasim sagantaa duula qulqullinaaf arjooma dhiigaa irratti aragamuun ergaa dabarsanii, “ hanqina dhiigaa akka biyyatti muldhatu hirdhisuuf hooggansaaf qaamolee hawaasa adda addaa hirmaachisuun rakkinicha furuudhaaf xiyyeefannoon hojjatamaa jiraachuu himan.”

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015