Hospitaalli Najjoo Oksijiinii omishuu jalqabe - ENA Afaan Oromoo
Hospitaalli Najjoo Oksijiinii omishuu jalqabe

Finfinnee,Qaammee 03/2012 (TOI) -Godina wallagga Lixaatti Hospitaallii Najjoo oksijiinii omishuu jalqabusaa beekisise.
Hoji geggessaan Hospitaala Najjoo obbo Isaayyas Bantii akka jedhanitti, meeshaan ittiin hospitaalichatti oksijiinii omishuuf qopheessan guyyaatti oksijiinii silindaroota 68 oomishuu kan danada'udha.
Dhaabbileen fayyaa godinalee wallagaa 4'n fi naannoon Beenishaanguli gumuz omishaa kanarra fayyadamoo akka ta'anis himamera.
Ijaarsa meeshaa okisijiinii oomishu kanaatti birri miliyoona 15 baasii ta'e.
Maallaqnii kunis kan argame gargaarsaanidha. Gargarsaa kana immoo kan dhaabbilee miti mootumma adda addarra walitti qaban amma biyya Ameerikaa kan jiratan fi dhattuu naannichaa akkasumas osoo gara biyya Ameerikaa hin dhaqiin dura hojjettu hospitala Najjoo kan turan Siister Obsee Lubooti .
Sisiteer Obseen rakkoo hanqina Okisijiiniin lubbuun lammilee balaaf akka hin saaxilamneef gargarsaa kana dhaabbilee mitii mootummaa Asisti Intarnaashinaal fi Rootarii kilab irraa mallaqaa kana gargarsaa gaafachuun meeshaa omisha kanaaf barbaachisuu bituun hospitala Najjoof dhiheessaniru.
Hospitaala Najjootti meedikaal daarekterii kan ta'an Dooktor Ifaa Tamsgeen akka jedhanitti kanaan dura Hospiatalli Najjoo okijiinii argachuuf gara Finfinneetti dedebi'a ture.
Yeroo kanatti hospitalichii baasii heduuf saaxilama ture. yeroo tokkotti oksijiin fe'anii Finfinnedha hospitalaa Najjoon gahuuf yoo xiqqaate birrii kuma 20tu basii ta'a.
Ammaa hospitallii Najjoo omishuu jalqabuun isaa baasiifi rakkoo biroo oksijiinii Finfinnee fiduuf isaan mudata ture kan irra hambiu ta'uu himaniru.
Omishinii oksijii kun hospitalicha qofaaf kan fayyadu miti. Dhaabbilee fayyaa Godinalee wallagaa 4'n fi Naannoon beenishangul gumiziis itti fayyadamu.
Baasiin omishaa kana Finfinedha fiduuf isaan basaniis ni xiiqqatafis jedhamera.