Muummeen ministirra dooktor Abiy Ahamad marii dhimmaa damee telekoom foyyeessuuf hojjetamurrattii qaamolee gara garaa waliin mariyatan - ENA Afaan Oromoo
Muummeen ministirra dooktor Abiy Ahamad marii dhimmaa damee telekoom foyyeessuuf hojjetamurrattii qaamolee gara garaa waliin mariyatan
Waggoota lamaan darbaniitti damee teleekoom foyyeessuuf hojiin hojjetame imammatoota armaan gadii hammate ture.
1. Misooma dijatalaa Itoophiyaa cimsuu.
2. Waliingahinsa fi dandeettii Telekominikeeshiinii sadarkaa olanatti guddisu.
3. Industirii telekominikeeshii gahumsaa fi qulqillina qabu kan sadarkaa indil addunyatti dorgomaa ta'ee ijaruu.
4. Damee telekominikeshiniirraa biyyattin dinagdee sarkaa olanaan akka argattu tasisuu faatuu hojjetama ture jechuun wajjirri ministira muummee feesbuukii isaa irratti ibsera..
Marii dhimma damee teleekominikeshiinii mummichi mintiraa waajjira isaanitti geggessan kanarratti, hayyuleen,dhaabbileen siyaasaa,bakka buutoonni dhaabbilee dhuunfaa, qaamooleen mootumma damee kana keessatti gahee olaanaa qaban maricha irratti hirmaataniru.
Marii kanarrattis hirmaattoota irraa yaanni fi gaaffileen dhiyaataniru. Gaaffiwwaan dhihataan kanaafis deebii kan keennan muummichi minitira dooktor Abiy Ahamad.
Akka dooktor Abiy jedhanitti mootummaan fayyidaa biyyaleessaa eegisisuu karaa qajeelfamoota jajjaboo hordoofuun rawwachaa jira.
Itoophiyaatti,Tajajilaa si'ataa teekinolojiin deegaramee guddisuufi daandeettii raawwachisuu jiru foyyessuuf damee teleekoom bilisa tasisuun barbaachisadha. Kanaaf immoo gartokkeen damee teleekoom kana dhaabilee dhunfatti dabarsuun barbachisadha jedhaniru.
Damichaa caalaatti yaadaan cimsuuf gara fuula durarttis qamoolee adda addaa waliin mariin akka ta'amuu dooktor Abiy himaniru jechuun fulli feesbuukii Waajjira ministira mummee gabaasera.