Qaamolee nagaaf tasgabbiif qooda olaanaa gumaachaniif beekkamtin kenname

Finfinnee Qaammee  2,2012(TOI)-Nagaa fi tasgabbii naannnoo Amaaratti argameef warra gahee olaanaa gummachaniif magaalaa Bahardritti beekamtiin kennamaa jira.

 ‘Misooma fi nageenya waaraaf olaantummaa seeraa ni mirkaneessina’ mata duree jedhuun sirna beekkamtii nageenyaa kana irratti  pirezedaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Benishangulgumuuz fi anga’oonni federaalaa  argamanii jiru.

Itti gafatamaa itti aanaan  biiroo nageenya naanichaa Obbo Gaddabee Hayiluu TOIf akka himanitti namoota nageenya naannichaaf gahee guddaa gumaachan qaamolee nageenyaa  150 ,dargaggoota fi dhaabbilee gara garaaf kennama jedhan.

Kana keessaa qaamolee nageenyaa 30 ta’aniif beekkamtiin gargaaraa inispektaraa hanga komishinara itti aanaatti ni kennamaaf.

Hoggantoota human addaa  birgeedii 20 , hoggantoota raayaa ittisaa fi kanneen biroof beekkamtiin kun ni kennama jedhame.

Naannolee olla gumaacha taasisan,benishangul gumuuz,affarif oromiyafis beekkamtiin ni kennama jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015