Oromiyaa keessatti Manneen Barnootaa bultii addaa 7 kan barattootni dandeettii ol’aanaa qaban itti baratan ijaaruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Murteesseera - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaa keessatti Manneen Barnootaa bultii addaa 7 kan barattootni dandeettii ol’aanaa qaban itti baratan ijaaruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Murteesseera

Finfinnee,Qaammee 02,2012(TOI)- Naannoo Oromiyaa dhaloota haaraa beekumsaan ijaaruuf hojii barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjetaa jira.
Haaluma kanaan bara 2013 keessa Manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa haaraa istaandaardii isaanii eeggatan 100 godinaalee Oromiyaa hunda keessatti ijaaruuf murt’aaee hojii qabatamaatti galamee jira jedhan Sadarkaa Pireezeedaantii Itti aanaatti, Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Argagga.
Manneen Barnootaa bultii addaa 7 kan barattootni dandeettii ol’aanaa qaban itti baratan Beddellee, Najjoo,Amboo, Haromayaa, Negellee Booranaa, Dodolaa fi Ya’aballootti ijaaruuf murtaa’ee jiras jedhan obbo Addisuun fuula Feesbuukii isaanirratti.
Manneen barnootaa addaa (non-boarding special schools ) 40 ijaaruuf murteessee bajata hojii kanaaf barbaachisu ramaduudhaan ifatti akka calqabaman bakka Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimmallis Abdiisaa argamanitti kallattiin hojii kennamullee ibsaniiru.
Gama biraatiin manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa keessa jiran hunda keessatti Sirni Gadaa Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti akka kennamu murtaa’ee jiras jedhan.
Gama kanaan qophiin barbaachisaa ta’e hundi waan xumurameef bara barnootaa 2013 irraa kaasee Sirni Gadaa akka gosa barnootaa tokkootti ni kennama.
Afaan barnootaa dabalataa ilaalchisee mannen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti barattootni afaanota idil Adunyaa kan akka afaanoota Faransaay, Chaayinaa, Arabaafi Jarmanii fedhii isaaniitiin akka baratan haalli mijaa’ee jiras jedhaniiru.
Dabalataanis ganna kana keessa sochii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hunda keessatti daree dabalataa kuma 30 ijaaruuf karoorfamee ture %100 oli raawwatameera jedhan.
Sochii tajaajila lammumaatiin kitaabni miiliyoona 1.1 ol arjoomaan dhaloota haaraadhaaf walitti qabamuulee obbo Addisuun himaniiru.