Miseensoonni Koongireesii Ameerikaa deeggarsi Ameerikaan Itiyoophiyaaf taasistu hafuu akka hinqabne gaafatan.

69

Finfinnee, Hagayya 30/2012TOI) Deeggarsi Ameerikaarraa Itiyoophiyaaf taasifamaa ture hafuu akka hinqabne miseensoonni koongireesii Ameerikaa 6 xalaayaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaaf barreessaniin gaaftaniiru.

Miseensoonni koongireesii kunneen Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoof xalayaa yaadicha mormuun barreessaniin lammiileen Itiyoophiyaa ogeessoota ofiisaaniinfi maallaqa ofiisaaniin hojjechaa akka jiran ta’uu ibsaniifiiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa hiyyummaa keessaa bahuuf qabeenya uumama isaanii hidha haroomsa guddichaatti fayyadamuuf waggoota baay’eef hawwaa kan turan yoo ta’u madda sabboonummaa biyyaalessaa isaanii ta’uu xalayichaan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015