Daandiin birrii biliyoona 2.4’n hojjetame eebbifame

23

Finfinnee Hagayya 28/2012/(TOI)- Naannoo Affaritti daandiin kilomeetira 78 konkiriitii simintoon ijaarame xumuuramuu abbaan taayitaa daandiwwan Itoophiyaa beksise.

Daandiin konkiriitii simontoon ijaarame kun buufata Taajuuraa haarawa faayidaaf oolchuu bira darbee dhiphina buufata Jibuutii durii ture ni fura jedhame.

Daandiin konkiriitii simintoo suphaa xinnoon hanga waggaa 40 kan taajajilu yoo ta’u baasiin bahus xinnoo dha jedhe gabaasni EBC waajjiricha wabeffachuun barreesse.

Pirojektiin kun ulfaatina konkolaattota daandii kanatti fayyadaman ilalcha keessa galchuun kan ijaarame.

Pootashii fi Albuudota naannoo sana jiran salphaatti gara buufata itti dhiyaatutti geessuuf gargaaras jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015