Tajaajilli oduu Itoophiyaa Ragaa biyyaalessaa si’aayinaa fi qulqullinaan dhiheessuuf sirna hojmaataa ammayyaa hordofuu qaba jedhame

140

Finfinnee Amajjii 30/2011 Tajaajilli oduu Itoophiyaa odeeffannoowwan oduu fi oduudhaan wal qabatan si’aayinaa fi qulqullinaan dhiheessuudhaan madda oduu isa filatamaa ta’uuf sirna hojmaataa ammayyaa hordofuu akka qabu ibsame.

Mata duree “Odeeffannoon sirrii fi wayitaawaan ijaarsa sirna demokiraasiif” jedhuun mariin tajaajilli oduu Itoophiyaa qopheesse Amajjii 30/2011 adeemsifameera.

Marii ogeeyyonni quunnamtii ummataa fi qaamoleen dhimmi ilaalu irratti hirmaata irratti yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan gaazexeessummaa fi komunikeeshinii Dr.Geetaachoo Dinquu fi ittaanaa daarektaraa tajaajila oduu Itoophiyaa obbo Seefee Darribee “quunnamtii tajaajila oduu Itoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaaluu” mata duree jedhuun barreeffamoonni mariif ka’umsa ta’an dhihaataniiru.

Barreeffamoota kanneen irratti tajaajilli oduu Itoophiyaa misooma biyyaaf ga’ee taphachuu danda’u, seenaa darbe, rakkoolee quunnamanii fi sadarkaan amma irra ga’ame ilaalameera.

Kanneen barreeffama dhiheessan akka jedhanitti, tajaajilli oduu Itoophiyaa yeroo addaddaa gurmaa’insi uumamuuf quunnamtiin dhaabbilee waliin qabuu fi hojmaata ammayyaa hojjechuuf yaalii taasisuun irratti dhiibbaa uumaa tureera.

Dhaabbanni kun fuulduraaf dhimmoota irratti hojjetamuu qabanii fi quunnamtii qaamolee dhimmi ilaalu biroo waliin qabu cimsuu haala dandeessisu irrattis kanneen barreeffama dhiheessan yaadasaanii kennaniiru.

Wayita kana ogeeyyonni quunnamtii ummataa akka dubbatanitti, dhaabbatichi fedhii odeeffanno miidiyaalee guutuu fi maalummaa biyyattii beeksisuuf odeeffannoowwan oduu fi oduudhaan wal qabatee fi sirna hojmaata ammayyaatiin  ilaalame si’aayinaa fi qulqullinaan dhiheessuutu irraa eegama.

Tajaajilli oduu Itoophiyaa ogeessota fooyyee qaban horachuudhaan, qabiyyee suuraa fi oduu akkasumas dhimmoota biroo waliin wal qabatanii rakkoolee ka’an hiikuudhaan adeemsa dorgommiisaa cimsuu akka qabu hirmaattonni eeraniiru.

Mana mare bakka bu’oota ummataatti walitti qabduun koree seeraa, haqaa fi dhimmoota demokiraasii adde Fooziyaa Amiin akka jedhanitti, tajaajilli oduu Itoophiyaa odeeffannoowwan oduu fi  oduudhaan wal qabatan si’aayinaa fi qulqullinaan dhiheessuudhaan quunnamtii dhaabbilee waliin qabu cimsuu qaba.

Ogeeyyonni quunnamtii ummataas dhaabbatichi fedhii siyasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummataa guutuuf yaalii taasisuun odeeffannoowwan banaa taasisuudhaan itti gaafatamummaa biyyaa akka ba’an gaafataniiru.

Dhaabbatichi ijaarsa istuudiyoo ammayyaa adeemsisaa jiru dabalatee mul’ata yeroo dheeraa bira ga’uuf hojiin hojjechaa jiru cimsuu qaba jechuun hubachiisaniiru.

Daarektarri olaanaa tajaajila oduu Itoophiyaa obbo Baqqalaa Mul’ataa gamasaaniitiin, ogeeyyonni quunnamtii ummataa dhaabbaticha waliin hojjechuunsaanii odeeffannoo dhaabbatasaanii yeroo tokkotti miidiyaalee addaddaan ga’uuf isaan gargaara jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015