Poolisii Amboo Sanqallee Leenjii haaromsaa Marsaa 8ffaaf poolisoota Idilee 728 eebbise

149

Finfinnee  Hagayya 21/2012(TOI) - Inistitiyuutiin Leenjii Idileefi Ogummaa Poolisii Amboo Sanqallee Leenjii haaromsaa Marsaa 8ffaaf poolisoota Idilee 728 ji'oota lamaaf leenjisaa ture har'a eebbisiseera.

Hogganaan Inistitiyutii Leenjii Poolisii Idilee Sanqallee Komaandar Taariiku Sorsaa Poolisiin Gaachana uummataa waan ta'eef dirqama qabdan bahachuun rakko uummatarra gahuu furuu qabdu jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Itti Aanaan Daareektara ol'aanaa Akkaadaamii Kolleejjii Poolisii Oromiyaa Komaandar Asaamminew Abdiisaa
yakka walxaxaa mul'achaa jiru ittisuuf poolisii naamusaa fi gahumsa qabu horachuun dirqama waan ta'eef poolisoota hojiirra turan leenjiisuun gahoomsuu irratti xiyyeefatamee qorannoon kan deeggarame ta'u ibsaniiru.

Poolisoonni leenji'an godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa kan walitti dhufan yoo ta'u leenjii fudhataniin Heera biyyaa fi Naannoo kabachiisuu akkasumas naamusaa fi amanamummaan uummata tajaajiluuf qophii ta'uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015