Pirezidaani Saahila Warqi Wal deeggarsi tarsiimawaa Itiyoo-Giinii xiyyeeffannoo walitti hidhiinsa ardii Afriikaaf kenname kan agarsiisudha jedhan

65

Finfinnee Amajjii  30/2011  Pirezidaantiin RFDI Saahila Warqi Zawudee walitti dhufeenyi Itiyoo –Giinii gara wal deeggarsa tarsiimawaatti guddachuunsaa Itoophiyaan walitti hidhiinsa ardichaaf xiyyeeffanno kennite kan agarsiisu akka ta’e ibsan.

Pirezidaantiin kun pirezidaantii rippaabiliika Giinii piroofeeser Alfaa Kondee masaraa biyyaalessaatti simatanii haasofsiisaniiru.

Biyyoonni lamaan yeroo gita bittaa fi sochii bilisummaatii eegalee Afriikaatti gumaacha olaanaa taasisuusaanii kan bubbatan pirezidaantiin kun, wal deeggarsasaanii cimsuunsaanii murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Itoophiyaan walitti dhufeenya tarsiimawaa biyyoota waliin  hundeessite muraasa keessaa Giiniin tokko akka taate eeranii, kunis Itoophiyaan walitti hidhiinsa ardichaaf xiyyeeffannoo kennite kan agarsiisudha jedhaniiru.

Keessumaa Itoophiyaa fi Giiniin komishinii ministirootaa waliinii hundeessanii dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa 8 irratti waliin hijjechuuf walii galuunsaanii jijjiirama guddaa kan fidudha jedhaniiru.

Pirezidaantiin Giinii piroofeeser Alfaa Kondee gamasaaniitiin Giiniin quunnamtii gama hundaa Itoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf ni hojjetti jedhaniiru.

Biyyoonni lamaan walabummaa fi dhimmoota biroo ardichaarratti ga’ee hoggansummaa kan qaban ta’uu eeranii,  fuuldurattis dhimmoota Afriikaafi idil addunyaa irratti waliin ni hojjenna jedhaniiru.

Itoophiyaa fi Giiniin karaa hooggantoota isaanii duraanii mootii Hayila Sillaasee fi pirezidaantii Seekkoo tureetiin dhaabbata tokkummaa Afriikaa , amma gamtaa Afriikaa kan jedhamu kan hundeessan biyyoota adda duree ti.

Biyyoonni lamaan walitti dhufeenya dippilomaasii kan eegalan bara 1950 yoo ta’u, rippaabiliikiin Giinii bara 1962 eembaasiishee Finfinneetti banatte.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015