Industiriiwwan birrii miiliyoona 292 liqiin fudhatan kaffaluu hin dandeenye jedhame

60

Finfinnee Amajjii 30/2011 Itoophiyaatti misooma industirii jajjabeessuuf yaadamee birriin miiliyoona 292 deeggarsaa  hojii adeemsisuuf  liqaan kenname hin deebine jedhame.

 Dhaabbanni  misooma galteewwan industirii Itoophiyaa dame industirii biyyattii jajjabeessuuf deeggarsa maallaqaa fi qalteewwan industirii taasisaa jira.

Haala kanaan Industiriiwwan hojii adeemsiuuf akka isaan gargaaru maallaqa liqaan fudhatan yeroo eeganii waan hin deebifneef hojmaata dhaabbatichaarratti gufuu ta’aa akka jiru hojii adeemsisaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Wandaallee Habtaamuu dubbataniiru.

Dhaabbatichi maallaqa deeggarsa hojii raawwachiisuuf  baatii jaa’a keessatti walitti qabuuf kenne birrii miiliyoona 324 keessaa yeroodhaan kan deebi’e birrii miiliyoona 66 qofaadha.

Kanarraa kan ka’e industiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa biyyattiitti argamaniif galtee dhiheessuuf, dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi hojiiwwan dame kana jajjabeessuuf hojjetama kanneen biroof qabeenya barbaachisu sirnaan fayyadamuuf gufuu akka itti uume ibsaniiru.

Industiriiwwan kunneen liqaa kennameef baatii 6 keessdatti deebisuuf walii galtee mallatteessan waan hin eegneef mana murtiitti himatee kafalchiisuuf sochii jalqabuusaa s ibsaniiru.

Deeggarsa maallaqaa kan fudhatan keessaa abbootii qabeenyaa Turkiin kan sosso’u warshaan huccuu Ayikaa,  warshaan huccuu Dirree Dawaa, warshaan gogaa Kombolchaa , Habashaa Taaniingii fi Warshaan huccuu Hawaasaa keessatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015