Jilli Pireezdaantii Mootummaa naannoo oromiyaa Godina Arsii Lixaa daawwate

92



Finfinnee  Hagyya 15/2012(TOI)- Pireezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti qonna boloqqee kilaastaraan misoome daawwatan.

Jilli kun kaleessa magaalaa Baatuu fi Shaashamanneetti namoota rakkoo nageenyaa tibba darbe uumamee tureen miidhaman waliin mari'achuun, hojii deebisanii dhaabuus daawwataniiru.

Har'ammoo qonna boloqqee kilaastaraan misoome daawwataniiru.

Hojimaatni kun qonna duubatti hafaa bifa bittinnaa'en gaggeeffamaa ture kilaastaratti fiduun heektaara tokkorraa hanga kuntaala 30 argachuuf abdii ta'uufii qonnaan bultoonni hirmaattota daawwichaatif ibsaniiru.

Aanichatti hanga ammaatti lafti heektaarri 8,556 qonna kilaastaraa boloqqeetin misoomuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanichaa obbo Bariisoo Fayyisaan himaniiru.

Jilichi aanaa Shaallaatti goruudhan hojii deebisanii dhaabuu namoota rakkoo nageenyatiin qabeenyi isaanii jalaa miidhames daawwataniiru.Maddi BDhKMNO.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015