Oromiyaatii olaantummaa seeraa kabichiisuun ciminaan hojjetama jira -Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

132

Finfinnee, Hagayya 14/2012)- Jilli Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin durfamu hojii deebisanii dhaabuu lammilee sababaa rakko nageenyaan qabeenisanii manca’ee Godina Shawaa Bahaa,Magaalaa Baatuufi Aanaalee naannawaa jiranii daawwachuun kallattii kaa'e

Pirezedaant  Shimallis qaamolee hoggansaafi hawaasaa mariisisuun kallattii wayita ka'an, Oromiyaatii olaantummaa seera kabichiisuun ciminaan hojjetama jira.

Lammileen walqixxummaa, bilisummaafi obbolummaan akka waliin jirataan cichinee hojjachuun dhimma filannoo osoo hin taane dirqama jedhan.

Obbo Shimallis akka jedhanitti mootummaan daba qamooleen siyaasaa bu’aa irra achuuf hojjetaniin tiba darbee jeequmsa umameen qamooleen lubbuu namafi qabeenyaa ballessaan lafa isaan galanitti hordofnee qabnee adabbii seeraa akka argataan gochaa jira.

 Olaantummaa seeraa kabachiisuun cinaatti lammiilee gaaga'amni irra gahee ariitiin deebisanii dhabuuf hojjetama akka jirus himaniru.

Balaa humnoonni diigumsaa geessisaniin lammiileen mana jireenyaafi iddoon hojiisaanii manca'e yeroo gabaabaa keessatti deebi’ee hojjetameefii akka xumuramuuf hooggansi cimaan kan kennamuufi hordoffiin kan taasifamu ta'uu eeraniiru.

Kana booda qaamni bulchiinsaafi nageenyaa sadarkaan jiru ummata hirmaachisee nageenya mirkaneessuu yoo hin dandeenye tarkaanfii itti gaafatamummaa dursaa kan isanirratti fudhatamu ta’uus akeekaniru Pireezidanti shimallis hojii jiraattonni magaalaa Baatuu fi naannoo ishee lammilee qabeenyi isaanii jalaa manca’ee fi maatiin isaani jala miidhamee deebisanii dhaabuuf gochaa jiraniif galateffatani kan haga ammaatti hin hojjetamnees mootumma waliin ta’anii hojjechuun lammilee miidhan irra gahee kana deebisani dhabuu keessatti gahee isaanii akka bahan waamicha godhaniru.

Bulchaan ittanaa godina shawaa bahaa obbo Gosaa Asaffaa akka jedhanitti godinichatti magalaa Baatuu fi naannawwa Adaamii tullutti jeequmsa mudateen manneen jireenya fi daldaalaa 140 irra balaan gaheera. Haga ammaatis isaan kana keessa manneen 48 kaan ijaaramani kaan immoo suphamaniiru.

Namoonni jeequmsa sana keessatti hirmaachuun rakko kan geesisaniru jedhamanii shakkaman 248 to’anaa jala olaniru.

Isaan keessaa immoo 157 mana murtiitti dhihaachuu isaanis himaniru.

Gara fuula duraattis nageenya naannawichaa eegufi hawaasaa waliin wal ta’anii hojjecha akka jiran obbo gosaan himani jiru. Hirmattonni maricharratti hirmataan gochaan akkana akka deebi’ee hin dhufne siraa nu jiddutti xaxamee balleessu qabna jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015