Yaaliin mana keessatti adda of baasanii of kunuunsuu (Home Based Isolation and Care) jedhamu eegalame

80

Finfinnee  Hagayya 09/2012(TOI)- Yaaliin mana keessatti adda of baasanii of kunuunsuu namni qorannoo laboraatooriin covid-19 irratti argame kan mallattoo dhibee kanaa hin agarsiifne ykn mallattoo dhukubaa salphaa kan agarsiisu tajaajila manatti of kunuunsuu eegala jechuudha.

Itoophiyaatti namoota 567,442 ta’anif qorannoon laboraatoorii vayirsii koronaa taasifamee namoonni 27,242 ta’an vayirasichaan qabaman keessaa hanga waxabajjii 22/2012 namoonni 5000 harki 76 mallattoo homaa kan hin agarsiifne yoo ta’u  harki 21 immoo dhibee xinnoo warri hafan immoo dhukkuba cimaa keesa turanii jedhame.

Yeoo ammaa namooonni kumni 2000 mana keessatti adda of baasanii yaalamaa kan jiran yoo ta’u namoonni 400 ta’an fayyanii ahani jiru.

Hariiroon namoota mana keessatti adda of basan waliin qabaannu harka keenya samunaafi alkooliin dhiqachuu,haguuggii afaanif funyaannii sirnaan kaayachuu aka nurra jiraatuinistitiyuutiin fayyaa hawaasa itoophiyaa beksisee jira.

Dhibeen yo itti cime namni kamiiyuu saffisaan gara 8335/952 bilbiluun yaala barbaachisu argachuu akka qabu beksise.

Mana keessatti kununfamuuf namni kunuunsu jiraatuu,meeshaaleen akka haguuggii afaani fi funyaanii ghaa jiraachuuu,nyaani gahaa jiraachuu,dhibeen kun akka hin tamsaane manni sirnaan qophaahuu isaafii dhukkubsatichi dhibee biroo akka hin qabaanne adda baasuun barbaachisadha.

Hawaasni mana keessatti adda of baasuun akka eegalame baree gorsa ogeeyyii fayyaa sirnaan hojii irra olchuun dhibeen kun akka hin babal’anne gahee isaa bahuu qaba jedhe inistitiyuutiin fayyaa hawaasa itophiyaa ibsa karaa fuula fecbook isan barreessen.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015