Labsiin yeroo arifachisaa weerara vaayirasii koronaa ittisuuf bahee, balaa guddaa koroonaan geessisuu danda’a jedhamee tilmamameerraa nu oolchera jedhan Minitirri mummee ittaanaa Obbo Dammaqaa Mokoniin

86

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (TOI) – Labsiin yeroo arifachisaa weerara vaayirasii koronaa ittisuuf bahee, balaa guddaa koroonaan geessisuu danda’a jedhamee tilmamamee irraa nu oolchera jedhan Ministirri muummee ittaanaa Obbo Dammaqaa Mokoniin .

Raawwiin hojii ji’oota shanii labsii yeroo ariifachisaa weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf bahee irraatti mariin wajjiirra muummee ministiraatti taasisama jira.

Ji’oota shanan darbanitti mootumman weeraraa vaayirasii koroonaan dhiibbaa hawaasarraan gahuu hir’isuuf hojjeetaa turu obbo Dammaqaan himaniru.

Boordiin to’annoo raawwii hojii labsii yeroo ariifachisaa koree ministirootaa vaayirasii koraanaa ittisuuf hundaa’eef daawii hojii dirree irratti argee dhiheessera.

Miseensonnii boordicha naannoo Oromiyaa,Amahaaraafi naannoo saboota,sablammoota fi Uummatoota Kibbatti bahuun daawwii hojii dirree tasisera.

Akkaa gabasaa miseensota boordii kanatti naannolee kunneen vaayirasichaa ittisuuf jalqabarra ka’ee ijaarsaa cimaa ijaruun vaayirasichaa haalaa to’achuun danda’amurraatti baal’inaan hojjetaniru.

Humnaa qorannoo vaayirasichaa cimsuufiis hojiin hojjetamee gaariidha jedhamera.

Raawwii hojii labsichaanis dhiibban mirga namoomaa sarbuu kamiiyyuu hin raawwatamnes jedhaniru.

Naannawwaa dangaatti eegumsii gahaa dhabamuufi ofdagannaan hawaasaa bira jiru immoo akka dadhabinaatii eeramera.

Minitirri mummee ittaanaa Obbo Dammaqaa Mokoniin, Labsiin yeroo arifachisaa weerara vaayirasii koronaa ittisuuf bahee, balaa guddaa koroonaan geessisuu danda’a jedhamee tilmamamee irraa nu oolchera jedhaniru.

Hawaasni of dagannaa amma keessaa jiru keessaa bahuun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gahee isaa bahuu akka qabu Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin akeekkachisan.

Naannawwaa dangattis to’aan barbaachisaa tasifamuu akka qabuus himaniru.

Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni of dagannarra of qusachuu qaba jedhaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015