Hawaasni badii ibiddi qabeenya bosonaarraan ga’u akka ittisu gaafatame

92

Gobbaa Amajjii 28/2011 Badii ibiddi qabeenya uumamaa bosonarraan ga’u ittisuuf hawaasni ofeeggannoo akka taasisu waajjirri naannoo, bosonaa fi jijjiirama haala qilleensaa godina Baalee beeksise.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Keefaa Fayyee tajaajila oduu Itoophiyaaf akka himanitti jidduu kana ollaa bosona Harannaa naannawa “Gaara Hurufaa” jedhamuun beekamutti ibiddi ka’ee ture balaa hamaa osoo hin geessisiin hirmaannaa hawaasaatiin to’achuun danda’ameera.

Balaan kun namoota seeraan ala cilee kan gubaniin, damma baasuuf kanneen socho’anii fi margi looniif akka margu ibidda kan qabsiisaniin akka mudatu dubbataniiru.

Balaa ibiddaa dhiheenya qaqqabeen namaa fi bineensa bosonaarratti miidhaan ga’e akka hin jirre kan eeran itti gaafatamaan kun, balaan ibiddaa naannawa kanatti deddeebi’ee mudatu bosonaa fi hawattoota tuurizimii qoraa akka jiru ibsaniiru.

Miidhaan qabeenya uumamaarra ga’aa jiru akka hir’atu hubannaa hawaasaa guddisuuf yaaliin taasifamus, balaan kun akka hin hir’anne hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Baalee obbo Aschaaloo Gaashaawu gamasaaniitiin, lubbu qabeeyyii paarkota keessa jiranirratti miidhaa ga’aa jiran hir’isuuf dhimmichi qaamolee naannolee fi federaalaa dhimmi ilaalu dabalatee hawaasa naannoo waliin dhiheenyatti hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Bulchaan aanaa Harannaa obbo Biraanuu Arfaasaa guyyoota lama dura balaan ibiddaa mudatee ture gara bosona guddichaatti osoo hin cehiin hawaasni naannawaa to’achuuf yaaliin taasise kan ajaa’ibsiifamudha jedhaniiru.

Bulchiinsichi namoota dhuunfaa fi gareewwan hojii seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksisaniiru.

Aanichatti jiraataan ganda Qumbii obbo Mahimud Tamaam yaada kennaniin “naannawa bosonaatti ibiddi wayita ka’u hordofanii dhaamsuu manna, tarkaanfiin seera cabsitoottarratti fudhatamu cimuu qaba” jedhaniiru.

Jiraataan aanichaa kan biraan obbo Umar Bakar “bosonni Harannaa biyya irra darbee hambaa addunyaa akka ta’u yaaliin taasifamaa wayita jiru kanatti balaan ibiddaa bosona kanarratti deddeebi’ee mudatu gocha nama saalfachiisuwaan ta’eef qaamoleen mootummaa dhimmichi ilaalu xiyyeeffannaa kennuu qabu” jedhaniiru.

Qaama paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Baalee kan ta’e bosonni Harannaa lafa iskuweer kiiloo meetira kuma 6  kan uwwise yoo ta’u, bosona uumamaa biyyattiitti gurgurtaa daldala kaarbooniitiif kaadhimaman keessaa tokko akka ta’e odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015