Mariin anga’oonni Paartii Badhadhinaa naannoo Amaaraa geggeessaa ture xumuurame

74

Finfinnee Hagayya 6/2012(TOI)-Anga’oonni paartii badhadhinaa marii guyyoota lamaa magaalaa Bahardaritti geggeessaa ture xumuuruun waajjiiri partichaa beeksise.

Ittigafatamaan waajjirichaa obbo Aganyaw Tashagar anga’oonni olaanoo partichaa jijjiramicha irratti mariyatan.

Hojileen hawasummaa,dinagdee fi siyaasa bu’a qabeesa kan ta’u hojiin olantummaa seeraa ajandaa duraa ta’ee konfiransicha irratti xinxalame.

Hojiilee hojjetamaniin keessattuu gurmaahinsa seramaleessaan gareen uummata jeeqaa turan sirreessuun nagaa uumuu danda’uun akka raawwii gaaritti ka’ee jira.

Weerara koronaa ittisuun hojiileen misoomaa otoo hin gufatin akka itti fufan gochuun sababa vayirasichaan lammiileen balaaf akka hin saaxilamne fi buufataalee qorannoo bal’isuun hojiilee gaarii ta’uun ka’an.

Hojiin qonna gannaa fi biqiltuun dhaabbii bu’aa qabeessa akka ta’u karaa gurmaaheen hojjetamuun bu’aa qabeessa akka ta’u godhe.

Du’a artist Haacaaluu Hundeessaan warri gadda isaanii ibsachuuf bahan dahoo godhachuun gochi lammiilee nagayaa irratti raawwatame konfiransichaan balaleffatamuun ibsame.

Gochi sun finxaleyyii ABUT fi ABO shaneen kan raawwatame ta’uu kan ibsan obbo aganyoon warri gocha sana raawwatan seeratti akka dhihaatan waliin hojjetaa jirra jedhan.

Konfiransicha anga’oonni hundi waligaltee guutuun geggeessuu kan eeran obbo aganyoon qoodaminsi anga’oota keessatti uumame kan jedhu ajandaa ABUT ta’uu ibsan.

Dhimmota gara fuula duraaf sirratuu qaban irratti konfiransichi kallattii kaahuun xumuure.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015