Sadarkaa ijaarsi siidaa Abbishee Garbaa irra jiru daaw’atame - ENA Afaan Oromoo
Sadarkaa ijaarsi siidaa Abbishee Garbaa irra jiru daaw’atame

Finfinee Hagayya6/2012(TOI)- Miseensonni Koree ijaarasa siidaa Abiishee Garbaa,Bulchinsi Godinichaa fi Ogeessonni Biiroo Aadaaf Turizimii Oromiyaa sadarkaa Ijaarsi Siidaa Abishee Garbaa irra gahe daawwatan.
Ijaarsi siidaa Abishee Garbaa hirmaannaa hawwaasaan ijaaramaa jira.
Haga ammaattis ijarsaa sidichaaf kan oluu birriin dhibbeentan 90 kan ta’uu walitti qabuu isaaf siidichaa ijarsisanii xummursisuuf yaaddoon hanqinaa birrii akka hin jirre Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Obbo Biraanuu Jiraa himaniru.
Sirna daawwannaa kan irratti kan argaman bakka bu'aan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa, Obbo Kaffaaloo Mootii Sidaawwan gootaa bakka adda addaatti dhaabamaa kan jiru ta'uu fi kaayyoon isaas seenaa Gootoota dhaloota dhalootatti dabarsuu fi Turizimiif oolchuun madda galii biyyaa keessattis gahee guddaa qaba jedhaniiru. Maddi OBN.