Imbaasiin Itoophiyaa Riiyaad jiru lammilee Itoophiyaa heeyyamni eenyumeessaa seera qabeessa bakka jireenyaa isaanii ibsu irraa fudhatame ilaalchisee hooggantoota dhimma nageenyaa magaalichaa waliin maryachuufi

100

Finfinnee Hagayya 5/2012(TOI)-  Sawuudii Arabiyaatti jidduu kana hojjetoonni dhimma nageenyaa biyyatti magaalaa Riyaaditti sakata'iinsa mana irra deemanii tasisaaniin haga ammaatti lammilee Itoophiyaa 24 heeyyama eenyummeessaa seeraa qabeessaa kan bakka jireenyaa keenya nurra fudhatameera jedhanii Imbaasii Itoophiyaa Saawudi Arabiyaatti iyyataniru.

Imbaasiin Itoophiyaa iyyaanni itti dhiyaate kunis bor hooggantoota dhimma nageenyaa biyyatti waliin maryachuuf beellama qabachuu himeera.

 Torbanoota daraban kana magaalaa Riyaad naannawwaa maanfahafi Nasim jedhamutti hojjettonni dhimma nageenyaa Saawudi Arabiyaa sakata'insa tasaa tasisanii turan.

Sakata'insi kunis lammilee biyyoota hundaa irratti ta'us mana jireenyaa lammilee Itoophiyaa irratti garuu haala kaan irraa adda ta'een kan geggeeffame ta'uun beekamera. Lammileen Itoophiyaa naannawwa kana jiratanis Imbaasii Itoophiyaa biyyicha jirutti bilbilaan beekisisuu isaanis himameera.

 Sakata'insa kanaanis lammilee heeyyamin eenyumessaa bakka jireenyaa qaban irraa heyyamni isaani kan fudhatamee yoo ta'u, kanneen hin qabnee immoo mana sirreessaa galaniru. Saawudi Arabiyaatti Ambaasaaddarra Itoophiyaa kan ta'aan Abdul-aziiz Ahimeed akka addatti Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti yeroo sakata'isichi rawwatamee gochoonni seeraa Saawudii cabsan yoo jiraate lammileen ragaa akkaa dhiiheffataan waamicha godhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015